Arabiyaan Naayitis: Seenaawwan Mimmiidhaggoo Afaan Oromootti Hiikaman
1 Dec 2024
Oduu durii biyyoota hambaa baay’ee nama hawwatan afaan keessaniin qophaa’ee isiniif dhihaatu argachuuf qophooftanii?
Egaa yeroo dhihootti kuufamni oduu durii Arabiyaan Naayitis Afaan Oromoodhaan qophaa’ee akka gabaarra oolu gaafa isin beeksisnu gammachuun keenya daran guddaadha.
Eeyyee egaa qopheessitoonni kitaabilee GADO BOOKS, seenaalee mimmiidhagoo Arabiyaan Naayitis jaarraa hedduun dura barreeffamee ijoolleen adduunyaa ittiin bohaaraa dandeettii dubbisaa ittiin horatan Afaan Oromootti hiikee, fakkiiwwan mimmiidhagoo ofiin kalaqe waliin bareechee isiniif dhiheessuuf qophii isaa xumuree jira.
Kuufamni Oduu duriiwwan Arabiyaan Naayitis kan barsiisoo ta’anii fi nama bohaarsanidha. Seenaawwan kunneen waa’ee gootummaa, abshaalummaa, gaarummaa, gantummaa, amanamuu dhabuu akkasumas hiree waan tokkoo nutti himu. Firii gaarummaa fi hamminaas nu barsiisu. Akkasumas barnoota safuu fi duudhaa maanguddoo fi dargaggootaaf ni kennu.
Kanaafuu hojii kanaan akka namoota baay’ee qaqqabnuu fi dandeettii dubbisaa biyya keenyaa akka guddisnu abdii qabna.